Wq/om/makmaaksa Oromoo
Appearance
- “ Abbaan daadhii dhugeef ilmi afaan hin urgaayu. ”
- “ Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu. ”
- “ Abbaatu Of mara jedhe bofti hantuuta liqimse. ”
- “ Abjuun bara beelaa buddeena buddeena jetti. ”
- “ Afaan dubbii bare bulluqa alaanfata. ”
- “ Afaan gaariin afaa gaarii caala. ”
- “ Afaan hamii bare utubaatti hasaasa. ”
- “ Afaanii bahee gooftaa namaa ta'a. ”
- “ Aggaamanii dhiisun diina ofitti goobsuudha. ”
- “ Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa. ”
- “ Akka cabanitti okkolu. ”
- “ Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba. ”
- “ Akuukkuun yeroo argate dhakaa cabsa. ”
- “ Alaanfadhuuti gara fira keetti gara galii liqimsi. ”
- “ Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin. ”
- “ Ana haa nyaatuun beela hin baasu. ”
- “ Ani hin hanbifne, Ati hin qalbifne. ”
- “ Asiif achi sochoonan ilkaan fira hin ta'u. ”
- “ Asiin dhihoon karaa nama busha. ”
- “ Badduun fira ishee yoo hamattee, baddubaatuun niitii ishee hamatti. ”
- “ Bakka kufte osoo hin taane bakka mucucaatte bari. ”
- “ Bakka oolan irra bakka bulan wayya. ”
- “ Balaliitee balaliitee Allaattiin lafa hin hanqattu. ”
- “ Beekkumsi nyaata sammuuti. ”
- “ Bishaan mataa ga'e miila hin hanqatu. ”
- “ Bu'aa malee dalaguun bultii hiikudha. ”
- “ Dhabe jettee hin booyin, Qaba jettee hin boonin. ”
- “ Dubbiin dhugaa gabaabadha, Dubbiin sobaa dheeradha. ”
- “ Duula biyyaaf dhufe itti makaman. ”
- “ Fira fakkaatee dhadhaan wayaa xureessa. ”
- “ Foon lafa jiruu Allaattiin muka irraa wal lolti. ”
- “ Gaaddidduun ganamaa galgala hin jrtu. ”
- “ Gaafan magarsaatti harreen gurra dhabde. ”
- “ Galaanni darbaa jiru si hin fudhatin, jaarsi du'aa jiru sin abaarin. ”
- “ Gamattuu si jaaladhu; Gamanatti natti dhufte. ”
- “ Gammachuudha simadhu. ”
- “ Gowwaan waan beeku dubbata, Gamni waan dubbatu beeka. ”
- “ Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti. ”
- “ Haadha ilaalii intala fuudhi. ”
- “ Haga humni gawu garaan gaha. ”
- “ Hantuutni haadha jalatti gumbii uruu barti. ”
- “ Harreen gara daaraa Firri gara firaa. ”
- “ Hiriyaan too dhalte jedheeti Sangaan ittane. ”
- “ Horii abbaan gaafa cabse ollaan ija jaamsa. ”
- “ Ibiddi daara dhalcha. ”
- “ Itti harkisuun kaabuu hin ta'u, yoo danqare malee. ”
- “ Kan gamatti jibban gamana namatti ceeti. ”
- “ Kan qaban qabaa hin guunne gadi dhiisan lafa guuti. ”
- “ Kan teechumatti jibban sirbaaf lafaa kaati. ”
- “ Kan taa'umsatti jibban kaateti namatti ragaddi. ”
- “ Kan waraanni fide lamaan wal waraana. ”
- “ Karaan sobaan darban galatti nama dhiba. ”
- “ Keessa keessa adurreen bineensa. ”
- “ Kormi biyya alaa hin baroodu. ”
- “ Miiccaan ni addeessaa; Dubbataan ni fakkeessa. ”
- “ Na jaaladhuun jaalala hin taatu. ”
- “ Namni dhukkubsataa manaa qabu, du'a ga'ii namaa hin oolu. ”
- “ Ni fakkaata daakuun daaraa. ”
- “ Ni fakkaata ilmi Abbaa. ”
- “ Ofiin bultuun Nama hin jaalattu. ”
- “ Oo'ee jedhanii caama aduu hin lagatan. ”
- “ Ulfooftee foonif boonyaan Dorrobaa qalanii nyaachisan, Deessee aannaniif boonyan wanta elmanii obaasan dhaban. ”
- “ Waraabessi ollaa hin nyaatu dhabu hagabuu hin bulu ”
- “ Yoo harkaa dhaban ollaan nama hin jaalatu. ”
- “ Arrabni lafee hin qabduu lafee nama cabsiti. ”