1. Tola fudhate Itti hin kafalle
2. Tola kenne Badhaase, arjoome
3. Tuffatamaa Jibbamaa
4. Tulluu biyya Kabajamaa, ulfaataa
5. Tulluu dhiiba Ofumaa dadhaba
6. Tulluu qaari’e Fagaate
7. Saree masgiida lixxe- salphate
8. Soorama ga’e dulloome
9. Soqe Barbaade
10. Soqee arge barbaadee arge
11. Suphe Haaromse
12. Suubboo ta’e niitii fuudhe
13. Taasise Godhe, Xumure
14. Qote Gidiraa yaade
15. Quba cabse Salphise
16. Quba hin qabu Hin beeku
17. Quba kaaye Arrabse, Busheesse
18. Quba qaba Ni beeka
19. Qubee kenne Kaadhimmate
20. Qubee lakkaaye Barate
21. Qullaa dhaabate Salphate, rakkate
22. Quufa dadhabe Ni boone
23. Quuxalaaye Qophaa’e
24. Raabsee jira hire, kenne
25. Raacha fakkaate bokokee, fokkise
26. Raafame jeeqame
27. Raagaa dhokse Waakkate
28. Raage bara guure
29. Raata’e gara wallaale
30. Qeerransa ta’e Ni lole