Template:Wq/om/Quote of the day

From Wikimedia Incubator
Jechama Mi'aahaa Yeroo[edit source]

Hin beeku, hin danda'u hin jedhin.


Wanti hunduumtuu kaka'umsaafi yaalii dhala namaarraan argamani. Rechard Branson kitaaba isaa "screw it let's do it" jedhu irratti akka barreessetti "Hojjettoonni koo kaamphaanii Varjin obbo eeyyee (Mr yes) jedhanii na waamu. Sababiinsaa hin hojjennu waanan hin jenneefi. Wantoota hojjechuu dhiisuu caalaa wantoota hojjechuuf caalaatti karaan natti mul'ata. Ejjennoonkoo (murtoonkoo) "maarree ha hojjennuu" Kan jedhuudha. Waan kana akkan itti hojjedhu waanan hin beekneef hin danda'u jedhee hin beeku. Nan yaala. Seeroonni waa'ee hin baafne hojjechuu irraa na hin dhowwan.


Karaa seera qabeessa ta'een akkan itti hojjedhu hin dhabu. Hojjettoota kootti akkas jedheen hima "hojjechuu barbaannaan hojjedhaa". karaa kana Hundi keenya fayyadamoo taanaa.


"Hin danda'u" wanti jedhuus si dadhabsiisuu hin qabu. Karooraa kee fiixaan baafachuuf muuxannoo hin qabdu yoo ta'e fala barbaadi.


Fakkeenyaaf xiyyaaraa balaliisuu barbaadda yoo ta'e buufata xiyyaaraa deemii shaayii danfisii gurguri. Iji kee yeroo hundaa banaa ha ta'uu. Ilaalii baradhu. Dizaayinara faashinii ta'uu barbaadda yoo ta'e dirqama mana barumsaa aartii galtee barachuun sirraa hin eegamu. Kaamphaanii faashinii seenii qulqulleessuun qacarami. Karaa ittiin ol guddattu barbaadi" jedhe. Waan hundumaa yaali. Utuu yaaliin hin jiraanne daa'imni daa'imee Muka qabatee ol ka'ee hin dhaabbatu. Dhaabbatee suuta miilla butee hin adeemu. Ji'arra qubachuun bu'aa yaaliiti. Muka qabataa Kan hin qabne qilleensarra xiyyaaraan balali'uun bu'aa yaaliin as fideedha. Hin danda'u jechi jedhummoo miiraa yaalii ajjeesa. Yaaliin immoo miiraa hin danda'amu jedhu balleessa. Hin beektu yoo ta'e baruuf carraaqi hin beeku jettee hin taa'in. Hin danda'u hin jedhin danda'uuf carraaqi. Beeekuunis danda'uunis nii danda'ama. hin beeku hin danda'u hin jedhin.


Waan dubbiftaaniif Galatooma.


Barruu kana kan barreesse ana miti.Waan natti toleefin isiniif qoode.