Help:Wq/om/Gargaarsa Waliigalaa

From Wikimedia Incubator
Ibsaga Jalqabaa

Fuulbarruun kun haalfayyadamaa fi haala itti fuulbarruu uuman baruuf kan sin gargaaru dha. Hirmaannaan keessan fudhatamaa fi kan jajjabeeffamu akkasumas barbaachisaa dha.

Kanaaf qajeelfamootaa fi gulantaawwan jiran sirriitti dubbisuun tarsadarkaa eegaa Makmaaksota fiduun wikikoot kun akka hojiirra oolu gargaaruun saffisiisaa. GALINNI KEESSAN AFFAN OROMOO GUDDATE DHA...

Dhaabbanni Wikimiidiyaa wikiwwan keessatti Fuulbarruuwwan gosa garaagaraa kan of keessatti qabatu dha.fkn Wikiquote

Isaanii
  1. Fuula Piroojektii
  2. Fuulbarruu Wikin sun hundeeffameef
  3. Fuulbarruu Gargaarsaa fi
  4. Fuulbarruuwwan Qajojiiti

Fuulbarruu Piroojektii[edit | edit source]

Fuulbarruun Piroojektii fuulonni Afaanota garagaraa keessa jiran afaanota kaanirraa addummaa yoo qabaatan akka piroojektii addaatti wiki sana keessatti dabalamuun kan tajaajilani dha.

Fuulbarruu Wiki[edit | edit source]

Fuulonni kun kanneen uummataan uumaman fkn Wiktionary yoo fudhanne jechoota walitti qabuu ykn Dikshinarii Afaanota garagaraati. Wiktionary Afaan Oromoo kana ilaaluu dandeessa.

Fuulbarruu Qajojii[edit | edit source]

Fuulli ykn Template page kun immoo qajeelfamni hojii ykn ibsi fuula tokko yookiis ammoo ibsi waa'ee matadureewwaan wal fakkaata kan irra jiru fi salphaatti akka fayyadamnuuf kan qophaa'e dha.

Fuulbarruu Gargaarsaa[edit | edit source]

Fuulli gargaarsaa immoo akkuma maqaa isaa irraa arginutti fuulbarruu mata duree garaagaraa irratti ibsa fi hirpha godhu dha. fkn. Fuulbarruu ati irra jirtu kun fuula gargaarsaati.

Akkamiin Fuulbarruu Uumna?[edit | edit source]

Wikikoot akkuma Wiikshinarii fi Wikipediyaa damee Dhaabbata Wikimiidiyaa ta'ee jechamoota babbareedoo addunyaa kanaa fi mammaksota Afaan gara garaan jiran walitti qabuuf kan fayyadu dha.

Haaluma kanaan makmaaksota Afaan Oromoo galchuuf yookaan Afaan biraa irraa hiiktanii Afaan Oromoon qooduu yoo feetan jalqaba akkaawontii wiki banachuun isin barbaachisa, kanaaf qajeelfama armaan gadii dubbisuun Fuula duraa Wikikoot Afaan Oromootti deebi'uun gara gadii bakka keesdulaaba ykn fuuluma kana irraa armaan gaditti yaalii gilgaalaa gochuuf Wq/om/ jedhutti aansuun waan makmaksichi ilaallatu fakkeenyaaf Jaalaala, Abdii ykn immoo nama dubbate sana galchuun, fkn. Jawaar Mohaammed, Abrahaam Liinken galchuun makmaamsota uummateessuu dandeessu.

Gilgaali

Dulaaba armaan gadii keessatti Wq/om/tti aansuun mata duree ykn nama jechama sana dubbate galchuun Create Page cuqaastanii Jechamoota tartiibaan galchuun publish cuqaasuun uummateessitu jechuudha.

Akka carraa ta'ee mata dureen isin filattan uumamee yoo jiraate immoo.... Homaa rakkoon hin jiru gulaali bakka jedhu ykn mallattoo gulaallii bifa peennaa fakkaatu () cuqaasuun jechamoota jiranitti idaatanii uummateessuu dandeessu.

Jaqabi.....



Mariif gara Fuulbarruu Marii Wikikootii Afaan Oromoo deemuu dandeessa.