Wq/om/Fuula Duraa

From Wikimedia Incubator
< Wq‎ | om
(Redirected from Wq/om/Fuula Dura)
Wq > om > Fuula Duraa
WIKIKOOT AFAAN OROMOO
makmaaksa bilisaa kan namuu gulaaluu danda'u. Kamisa, Bitooteessa 28, 2024, 22:10 (UTC)
Fuulbarruuwwan Jechamootaa 46. (+) Afaan Oromoon
Jijjiirama Reefuu · Gargaarsa
J E C H A M O O T A
F I L A T A M O O
Jechama Mi'aahaa Yeroo[edit source]

Hin beeku, hin danda'u hin jedhin.


Wanti hunduumtuu kaka'umsaafi yaalii dhala namaarraan argamani. Rechard Branson kitaaba isaa "screw it let's do it" jedhu irratti akka barreessetti "Hojjettoonni koo kaamphaanii Varjin obbo eeyyee (Mr yes) jedhanii na waamu. Sababiinsaa hin hojjennu waanan hin jenneefi. Wantoota hojjechuu dhiisuu caalaa wantoota hojjechuuf caalaatti karaan natti mul'ata. Ejjennoonkoo (murtoonkoo) "maarree ha hojjennuu" Kan jedhuudha. Waan kana akkan itti hojjedhu waanan hin beekneef hin danda'u jedhee hin beeku. Nan yaala. Seeroonni waa'ee hin baafne hojjechuu irraa na hin dhowwan.


Karaa seera qabeessa ta'een akkan itti hojjedhu hin dhabu. Hojjettoota kootti akkas jedheen hima "hojjechuu barbaannaan hojjedhaa". karaa kana Hundi keenya fayyadamoo taanaa.


"Hin danda'u" wanti jedhuus si dadhabsiisuu hin qabu. Karooraa kee fiixaan baafachuuf muuxannoo hin qabdu yoo ta'e fala barbaadi.


Fakkeenyaaf xiyyaaraa balaliisuu barbaadda yoo ta'e buufata xiyyaaraa deemii shaayii danfisii gurguri. Iji kee yeroo hundaa banaa ha ta'uu. Ilaalii baradhu. Dizaayinara faashinii ta'uu barbaadda yoo ta'e dirqama mana barumsaa aartii galtee barachuun sirraa hin eegamu. Kaamphaanii faashinii seenii qulqulleessuun qacarami. Karaa ittiin ol guddattu barbaadi" jedhe. Waan hundumaa yaali. Utuu yaaliin hin jiraanne daa'imni daa'imee Muka qabatee ol ka'ee hin dhaabbatu. Dhaabbatee suuta miilla butee hin adeemu. Ji'arra qubachuun bu'aa yaaliiti. Muka qabataa Kan hin qabne qilleensarra xiyyaaraan balali'uun bu'aa yaaliin as fideedha. Hin danda'u jechi jedhummoo miiraa yaalii ajjeesa. Yaaliin immoo miiraa hin danda'amu jedhu balleessa. Hin beektu yoo ta'e baruuf carraaqi hin beeku jettee hin taa'in. Hin danda'u hin jedhin danda'uuf carraaqi. Beeekuunis danda'uunis nii danda'ama. hin beeku hin danda'u hin jedhin.


Waan dubbiftaaniif Galatooma.


Barruu kana kan barreesse ana miti.Waan natti toleefin isiniif qoode.


Guyyaa - Bitooteessa 28, 2024



Fayyadamaa haaraa ykn madaqoo yoo taate armaan olirraa dura Gargaarsa cuqaasuun dubbisi.!....

Welcome to the Oromo Wikiquote. This series of pages is for a test-wikiquote in the Oromo language. Your Quote input here will be appreciated. The request for the creation of the Oromo Wikiquote will be approved if and when there is sufficient page or Quote content. When it is approved, all content here would be moved to the actual Wikiquote.

Because this is a test-wikiquote all page here must begin with the format [[Wq/om/Name of article]]. For example, an article about Afaan Oromoo should be titled here as Wq/om/Afaan Oromoo. (Of course in the actual wikiquote, the article would be titled as [[Afaan Oromoo]].)

Afaan Oromoo speakers are encouraged to create as many top-quality Page as possible. Please click on Help


Mammaaksa Oromoo * Hayyoota Oromoo * Tarree Biyyootaa * Tarree Hayyootaa


Wiikota Obbolaawwan[edit source]

Wikikoot kan hojiirra oolu dhabbata bu'aaf hin hojjenne Dhaabbata Wikimiidiyaa, piroojektii afdaneessa fi qabiyyee-bilisa dalagudha:

Afaan Oromoon Wikiwwan jiran dubbisuu dandeessu[edit source]

Wikshinarii
galmee jechaa bilisaa
Wikippediyaa
galmee beekumsaa bilisaa
Meta-Wiki
Qindeessummaa piroojektii
Komoonsi
Shared media repository
Wikidata
Yayyaba beekumsaa bilisa


WIKIKOOTII QOOQAWWAN BIROON DUBBISAA!....